Abi Olani

Abi Olani Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abi Olani, Bus Line, Nek'emte.

Part 2 fi isa dhumaa..yeroon qonnaa dhumuufyeroon isaas geesseefacaasuu jalqabuufhunduu of qopheesseeanisakkasiin babbaq...
02/02/2024

Part 2 fi isa dhumaa
..yeroon qonnaa dhumuuf
yeroon isaas geessee
facaasuu jalqabuuf
hunduu of qopheessee

anis
akkasiin babbaqee
galagalchee bulleessee
qophii koo xumuree
facaasaanis geesse

facaasuudhaaf sanyii
bariidhaan dammaqee
wanjoo qopheeffadhee
ciree eeguudhaafis
deebi'een ol maqe

waa afaan keewwadhee
waa humna horadhee
suuta garagalees
of duuba mil'adhe

minjaala duubaarraa
akka balaqqeessaa
ballac natti jedhee
garaa na booressa

dagachiiftuu rakkoo
kan jedhan araqee
dafee butadheetan
lammaan tokko dhuge

qalqalloo sanyii koo
mataarra buufadhee
facaasuuf gad bu'ee
wanjoo koo baattadhee

gaafan laga gahee
qalqalloo koo hiiku
maaluma akkan tahe
dhugaa rabbii hin beeku

qalqalloo ashaaroo
gaafan bahu fuudhee
yaanni koo eessa dhaqe
maaltu akkas na godhe
safuu qalbiin jedhe

01/02/2024

XAASAA GALAGALTUU

ganama hirribaa ka'ee
wanjoo baadheen qajeela
garaanis na beela'ee
buddeen arguun kajeela

sangoota camadadheen
utuun dadhabuu qota
aduun takka na gubee
roobnimmoo na dollota

godoottin ol tiradha
ammoo argachuuf nyaata
buna koos takka dhugee
deebi'een dhaqee qota

galgala qonna fixeen
bakka horiimmoo dhaqa
dallaatti isaan galcheen
dhiyaanaafis ol maqa

achiis gadin baha
qilleensa fudhachuu
ollaakoo wajjiinis
waa kolfee taphachuu

suuta bira geenya
xaasaa galagaltuu
na diddi millikoo
dandeessee hin dabartu

kan qublamee jedhan
qublamaan qabadhee
sirriitti unadheen
yaaddoo obbaafadhe

manatti galuudhaaf
qaamaan gitintiraa
bitaan mirga tahee
hundumtuu gidiraa

akkanaan joonja'aan
mana galee rafa
ganama ka'ee ammas
jiruu koo itti fufa

yeroon qonnaa dhumuuf...

Part 2'n itti fufa

Address

Nek'emte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abi Olani posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category