11/05/2026
Masjiida Seena-qabeessa Umar Ibnul Abdul'aziiz Majlisni Sadarkaan jiruu erga Falmii Seeraatiin mirkaneessisee booda Sagantaan Ijaarsaa dhakaa bu'uuraa kaa'amee hojiin ijaarsaa eegalee jira!
Caamsaa 2/2018|15/2018
Finfinnee|Majlisa Oromiyaa
Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Furii, Waardii Mudaa Furii keessatti kan argamu Masjiidni Umar Ibnul Abdul'aziiz falmii seeraa dheeraa booda abbummaan isaa gara hawaasa muslimaatti deebi’ee, sagantaan baninsa ijaarsa haaraa fi sagantaan da’waa guddaan haala miira ho'aa qabuun geggeeffameera.
Guddinni masjiida seena-qabeessa kanaa obsa hawaasichaa kan agarsiisudha. Giddu-galli kun bara 1981 A.L gaaffii muslimoonni naannoo sanaa dhiyeessan irratti hundaa’uun ijaarsa iddoo salaata iidaa, masjiidaa fi madrasaaf akka ooluuf hayyamamee kan kenname ture.
Haa ta'u malee, waggoota muraasa darban sababoota adda addaatiin bal'inni lafa masjiida kanaa harka nama dhuunfaatti kufee ture.
Hawaasni muslimaa naannichaa komitee masjiidaa waliin ta’uun abdii kutachuu malee hanga Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Dhaddacha Sabbaritti falmii seeraa obsa fixachiisaa taasisuun, mirga qabiyyee seena-qabeessa isaanii deebisiifachuu danda’aniiru.
Injifannoo guddaa kana hordofuun sagantaa galataa fi ijaarsa jalqabsiisuu har'a qophaa'e irratti; Pirezidaanti Mana Maree dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa Sheikh gaali Muktaar, Caffee Naannoo Oromiyaa Aadde Sa'adaa Abdurrahamaan, Pirezidaanti Mana Maree dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Shaggar Dr Amaan guddata bakka bu'a Majllisa Magaalaa Finfinnee E/g Ustaaz Gaali Abbaa boor hoggantoonni olaanoon Majliisa Federaalaa, Naannoo Oromiyaa, Magaalaa Shaggar fi Kutaa Magaalaa Furii, hooggantoonni mootummaa adda addaa, akkasumas jiraattonni naannichaa hedduun gammachuu guddaan argamaniiru.
Waltajjiin kun qaamolee Majliisaa, qaamolee mootummaa fi koree masjiidaa akka lafa qabaatu taasisaniif galatni kan itti dhiyaatedha.
Lafni bal’aan seeraan mirkanaa’e kun isquweer meetira kuma 19 (19,000 m^2) kan qabu yoo ta'u; gara fuulduraatti maqaa 'Giddu-gala Islaamaa Umar Ibnul Abdul'aziiz' jedhuun masjiida amayyaa, madrasaa guddaa, galma walga'ii bal'aa fi giddu-gala tola ooltummaa of keessatti hammatee qulqullina olaanaan akka ijaarramu ibsameera.
Majlisa G/Gujii - ጉጂ መጅሊስ المجلسغخي