27/01/2020
@@ Kabajamtoota Jiraattota Magaalaa Jimmaa fi Aanaalee
Ollaa hundumaaf.
❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤
ለተከበራችሁ የጂማ ከተማ እና አጎራባች ወረዳ ነዋርዎች በሙሉ ።
☑☑☑☑☑☑☑☑☑☑
[ ] Tajaajilli Geejjiba Awutobusii Ambassaa Damee Magaalaa Jimmaa waggootan 55niif waajjira Ol-aanaa Dhaabbatichaa Magaalaa Finfnneetiin hogganamaa waggootan 55niif hawaasa keenya tajaajilaa ture yeroo ammaa guutummaadhan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatiin bulfamaa hawaasa akka tajaajiluuf tibbana simatamee guyyaa hojiin itti eegalamu hawwii guddaadhaan akka eeggachaa turtan ni beekama.
[ ] Haata'u malee , hojii eegalchiisuun dura hojimaata qabeenyi kun itti bulfamu murteesuun dirqama waan ta'eef , dookimentiin tajaajila kana hundeessuuf qophaa'e walgahii kaabinee gaafa guyyaa gaggeefameen ilaalamee :-
1ffaaa. Dhaabbata Tajaajil
Geejjiba Awutobusii Magaalaa Jimmaa jedhamee sekitera mootummaa tokko ta'ee akka moggaafamu ,
2ffaa. Hojii gaggeessaan ramadameefii akka hogganamu,
3ffaa. Walii galli hojiisaa Boordiidhaan akka bulfamu, kan murtaa'e ta'uyyuu , haal dureewwan tajaajila kana eegalchiisuuf rakkoo nutti ta'e keessaa hanqina konkolaachisttoota Ogummaa fi gahumsa qabanu yeroodhaaf argachuu dhabuurraa ka'een waan ta'eef dhiifama gaafanna.
[ ] Haata'u malee , tajaajila kana eegalchiisuu haalawwan mijataa qofa eegurra konkolaachisttoota of harkkaa qabnuun Amajjii 19 bara 2012 eegalee konkolaattota muraasaan hojiin eegalamee yeroo
gabaabaa keessatti guutummaan gara hojiitti akka seenamuu hojjatamaa kan jiru ta'uun beekamee obsaan akka eeggattanu kabajaan gaafanna.
የጂማ ከተማ አምበሳ አውቶብስ አገልግሎት ለ55 ዓመታት ያህል የአአ ዋና መ/ቤት ቅርንጫፍ በመሆን ለጂማ ከተማ እና አከባቢዋ ነዋርዎች ስያገለግል ቆይተው በቅርቡ የከተማው አስተዳደር የተረከበው ስሆን አብዛኛው የአገልግሎቱ ተጠቃሚዎች አውቶብሶቹ ሥራ የምጀምሩበትን ቀን በጉጉት ስትጠባበቁ እንደነበረ የምንረደው ሆኖ
ለጊዜው ተገቢውን የማሽከርከር ብቃት ያላቸው ሾፌሮች በበቂ መጠን ባለማግኘታችን በመዘግየቱ ይቅርታ እየጠየቅን አሁን ባሉን ሾፌሮች ከጥር 19/05/2012 ዓም ጀምሮ ሥራ የምጀመር ስሆን ሁሉም ተሽከርካሪዎች በሙሉ አቅማቸው ወደ ሥራ እስክገቡ ድረስ በትዕግስት ተጠባበቁን ዘነድ በአክብሮት እንጠይቃለን ።