06/01/2026
Muddee 28/2018
Godina Shawaa Bahaa
Aanaa Boosat
Magaalaa Oolan Citiitti
Hojii Eebbifamaan Raawwatame
""""""""""""""'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Qindoomina Ejensii Geejjiba Godina Fi Waldaalee Deddeebisa Ummataa Godina Shawaa Bahaa waliin ta'uun mannii harmee tokko Aanaa Boosat magaalaa Oolan Citiitti ijaaramee xummuramee Bakka Hogganaan Ejensii Geejjiba Godinaa Obboo Alamaayyoo Masqalaa fi Bulchaan Aanaa Boosat Obboo Guutama Ibsaa akkasumas Koreen Boordii Waldaalee argamanitti Furtuun manichaa Harmeef dabarfamee kennamee jira.
Bulchaan Aanaa Boosat Obboo Guutamaa Ibsaa wayta yaada isaani kennanitti
Hojii Eebbifamaa kana fakkaatuu Aanaa keenya akka Godinaatti filattanii Mana harmee ijaartanii nuuf dabarsuu keessaniif galata guddaa qabduu jedhanii jiru.
Itti dabaluunis Hogganaan Ejensii Geejjiba Godina Obboo Alamaayyoo Masqalaa akka jedhanitti nama rakkate bira dhaabbachuun Geejjiba biratti kan baratamee ta'uu ibsuun, kun ni jalqabame malee isa xummuraatii miti mana qofa ijaaranii harmee kanaaf kennuun gahaa waan hin taaneef bu'uura irraa rakkoo harmee kanaa furuuf waan ittiin jiraattu gochuufin murteessaa ta'uu kaasuun, Lafti amma mana irratti ijaarre kuniis karaa Bulchiinsa Aanaa Boosatiin haalli mijateefii waraqaan abbaa qabeenyummaa lafaa mana jireenya harmee kanaaf akka kennamuuf dhaamanii jiru.
Waldaaleenis yaada wayta kennanitti harmeen tun waan jireenya ishee ittiin gaggeeffattuu fi ijoollee kana ittiinguddiftuu Dunkaana ijaarree fi akka daldalattu meeshaa dunkaanaa Shaqaxaa Shaqaxii akka waldaa deddeebisa Ummataa yeroo gabaabaa keessatti ni guunnaaf jechuun waadaa galanii jiru