30/07/2022
Jilli Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanootiin durfamu Magaalaa Jimmaa gale
Jimmaa, Adoolessa 22/2014 (WKMJ)
Jilli Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanootiin durfamu Magaalaa Jimmaa seeneera.
Daayirektera Jeneraalaa Paabilik Dippilomaasii Ministeera Dhimma Alaa Ambaassaaddar Diinaa Muftii, pirezdaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa, ittiaanaa Pirezdaantii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Abdulkeriim Badireddiiniifi Ustaaz Abubakir Ahmed dabalatee Ustaazonni, aanga'oonni mootummaa naannoofi federaalaa jila kana keessatti argamu.
Keessummoonni kun wayita Buufata Xiyyaaraa Jimmaa Abbaa Jifaar gahan Kantiibaa Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaafi ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalichaa Obbo Lataa Ashabbir dabalatee Abbootiin Amantaa, Abbootiin Gadaafi Jaarsoliin biyyaa simannaa ho'aa taasisaniifii jiru.
Obbo Najiib jila kanaan gara Magaalaa jaalalaa, kabajaafi nageenyaatti baga dhuftan jechuun simannaa taasisanii jiru.
Jilichi Waltajjii marii "Hirmaannaa Diyaaspooraa Badhaadhina Biyyaaf" jedhu guyyaa boruu gaggeeffamu irratti hirmaachuuf Jimmatti akka argaman ibsameera.