HORTE Hub

HORTE Hub We costumes sophisticate
Science, Technology, Philosophy, History, Ideas, FunFact, Review & Blog depends on our environment!!!

💧Drop of Idea 💡

 ?"Boru haga Saatii 6:00  Hin dhiifamaa"Pro Birhaanu Naggaa.ውጤት መቼ ይለቀቃል ?" ውጤት እስከ ነገ 6:00 ሰዓት ይለቀቃል " - ፕ/ር ብርሃኑ ነጋHOR...
14/09/2025

?

"Boru haga Saatii 6:00 Hin dhiifamaa"

Pro Birhaanu Naggaa.

ውጤት መቼ ይለቀቃል ?

" ውጤት እስከ ነገ 6:00 ሰዓት ይለቀቃል " - ፕ/ር ብርሃኑ ነጋ
HORTE Hub ,

Edit ---Gulaaluu ---አርትኦትEditor----Gulaalaa ----አርትአን
17/08/2025

Edit ---Gulaaluu ---አርትኦት
Editor----Gulaalaa ----አርትአን

Mirga dubartiin sirna Gadaa keessatti qabdu. ============================Akka Aadaa Gujiitti, dubartiin guyyaa heeruntee...
15/08/2025

Mirga dubartiin sirna Gadaa keessatti qabdu.
============================
Akka Aadaa Gujiitti, dubartiin guyyaa heeruntee jalqaddee miseensa maatii isiitiif addee itti heerumte hawaasa keessatti seera mataa isii qaddi.

Haati warraa akkuma miseensa maatii kamuu qabeenya dhuunfaa isii kan eeyyama isii malee namni biraa itti hin fayyadanneefi nama biraatiif dabarsitee kennuu hindandeenne qaddi.

Qabeenni kun handhuura gaafa dhalatte kennameef irraa kaasee hanga lubbuun jirtutti kan horatteefi fuula duraafillee horattu hunda dabalata.

Siiqqoon ta haadha manaati
Siiqqeen ta haadha manaati
Manni ta haadha manaati
Gulantaan ta haadha manaati
Boolli qayyaa ta haadha manaati
Bonkoon ta haadha manaati
Butteen ta haadha manaati
Manoon ta haadha manaati
Daduun ta haadha manaati
Woyaan Ladduu ta haadha manaati
Itteen ta haadha manaati
Midhoon ta haadha manaati
Sageettuun ta haadha manaati
Mutaan ta haadha manaati
Okoleen ta haadha manaati
Gaadiin ka haadha manaati
Kadheen ta haadha manaati
Teephi ta haadha manaati
Eeleen ta haadha manaati
Okkoteen ta haadha manaati
Meemmeen ta haadha manaati
Gimbeen ta haadha manaati
Alleen ta haadha manaati
Qoriin ta haadha manaati
Mooqaan ka haadha manaati fkkf
Maddii West Guji Communication Office
Horaa bulaa

15/08/2025
‎HIIKKA SIRRI FI QAJEELAA,  [DATA], [INFORMATION],  [KNOWLEDGE] FI  [WISDOM]       ‎
04/08/2025

‎HIIKKA SIRRI FI QAJEELAA, [DATA], [INFORMATION], [KNOWLEDGE] FI [WISDOM]

 ?‎‎Torbee darbe keessaa Qabxiin kutaa 8ffaa akka naannoo Oromiyaatti ibsamuu faana Godinaale Gujii keessatti waan qabxi...
23/07/2025

?

‎Torbee darbe keessaa Qabxiin kutaa 8ffaa akka naannoo Oromiyaatti ibsamuu faana Godinaale Gujii keessatti waan qabxiin gad-anaan galma'eef yaadota walfalmisiisa lamatti fuula miidiya hawassa kanarra nannawa ture, innis tokko Qulqullinna jedhaa tokko ammoon Dadhabinna jedhaa.
‎Xiinxalli keenna ammoon kunooti, itti dhiyaadha.

‎Akkuma beekkamu akka biyyattitis ta'e akka naannotti waggoota muraasan asitti Riiformiin adda adda ta'a Jira keessattu ammoon damee barnoota, kutaa gadi aanan irra jalqabee hanga olanoottii jechuudha. Kana hordofe ammoon qabxiin kana duraafi amma hedduu gargar fagaata. Akka fakkennatti yo kaasne. Bara riiformiin kun hojiitti hiikkamu jalqabe bara 2015 ALI fi sanaan duraa qabxii jiruu walmadalle ha ilaallu. Riiformiin dura bara 2014 ALI Akka naannoo oromiyaatti qabxiin olaanan kutaa 8ffaa Aviraajii 98 turee, Qabxiin Qormaata seensa manneen barnoota bultii adda ammoon Dhiiraaf 90 dubraaf ammo 87 turee. Bara 2015ALI Riiformiin duuba ammoon Qabxiin olaanan akka naannotti 96 turee, kan Qormaata seensa mannen barnoota bultii adda ammoon dhiiraf 83 dubraaf 80 turee. Kana jechuun akka waligala oromiyaattu qabxiin gadi bu'u agarsiisa.


‎ ?

‎Wanti nama jibbisiisu tokko ammoon Barattoonni Mana barnootaa bultii adda galanille waggoota lamaan dabran kan keessattu Akka GGL lakkofsi isaani 10 gadi, bara darbee Akka GGL barata 2 qofatti MMBAIB galee. himuufis nam fokkisiisa!!!

‎ ?

‎Akka Biyyattitti yo kaafame sababoota hedduu tarressu dandeenna. kan godinaale Gujii addatti ammoon sababoota Gurguddo lamaan Isaanis Haala nageenya fi Rakko bulchiinsa gaariti.

‎ :- Godinaaleen Gujii eega haalli nageenya booraye bubbulteetti, keessattu ammoon gama baadiya. Kanumarran kan ka'e kutaalee hawaasa hunda keessatti nageyaan bahane galuun yaaddo gudda ta'eera. kutaale hawaasa kana keessa ammoon Barsiisa, Barataa fi maatiin barataa waan argamaniif sammuu tasgaba'een haala baruuf barsiisu gaggeessun akkamale nama rakkisaa. Dabalataan ammoon sababuma kanaaf manneen barnoota tokko tokko cuccufama banamaa fa'a barattoota isaa qormaataf dhiyeesse,ykn qormaata qorsiise.

‎ :- Rakkoon kun rakkoo walxaxaafi siyaasaan walqabatuudha. Namni sektara barnootaratti namni hoggansarra dhufu nama quuqamaafi ejjanno gama barnootatiin hawaasaf qabuu oso him taanee nama siiyasa beekuu waan ta'eef xiyyefannaan isaani siyaasaaf angorra ta'a. Kanaaf ammoon ragaan manneen barnoota keessattu kan mootumma kan ta'an badiyya dhiisi magalattu guyyatti Akaaku barnoota ykn wayitii meeqa akka baratan gaafachuun mirkanefachuu dandettan. Kan biraa Ammon sababuma rakko bulchiinsa gaari Barsiisooti tokko tokko ga'umsaa barsiisu hin qabanii Kun ammoon kufaati barnoota godina Gujiitif sababa ta'eera.

‎Kufaatiin kun ammoo kufaati dhaloota Amma jiruufi Amman duuba dhufuratti dhiibba guddaa uumaa....


‎Isin maal jettu Qulqulinna mo Dadhabbinna?

Taphataa Urjii Shaampiyoonaa Guutuu Biyyaalessaa Marsaa 6ffaaa kilabii Naannoo Oromiyaatiif sirni Simannaa taasifame====...
29/06/2025

Taphataa Urjii Shaampiyoonaa Guutuu Biyyaalessaa Marsaa 6ffaaa kilabii Naannoo Oromiyaatiif sirni Simannaa taasifame

=============================

Taphataan Sarara fuulduraa garee kubbaa miilaa Naannoo Oromiyaa Gammadaa Maammoo tapha Shaampiyoonaa guutuu biyyaalessaa Marsaa 6ffaaa magaalaa Jimmaatti qopha'e irratti goolii hedduu galchuun milkii olaanaa taasisaa kan tureef sagantaa simannaa ho'aan taasifame

Taphataa Gammadaa Maammoo dhalataa Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa Magaala Garba irraa kilabii Naannoo Oromiyaa bakka bu'uun tapha guutuu biyyalessaa irratti 5 galchuun kophee worqii badhaafamee jira

photo credit West Gujii Communication

"kun ammoo danddetti uumama keenya kan xiinxaluu, qorqoruu, madaaluuf fi kalaqu nu jala ijjessera."‎‎‎Aardiin nuuti kees...
28/06/2025

"kun ammoo danddetti uumama keenya kan xiinxaluu, qorqoruu, madaaluuf fi kalaqu nu jala ijjessera."


‎Aardiin nuuti keessa jiraannu tun aardin Afrikaa aardiwwan hafan biraatiin yo wal madaallu aardii Siyyaasan, Barnootan, Teknoloojii fi dinagdeen duubatti hattuudha.

kanaaf ammo sababoonni kumaatami tarrefamuu danda'a hata'u malee sababoonni ijoon isa muraasa! sababoota kana keessa ammo tokko wanta nutti kennameef himame hunda isaa akka waan waaqarra dhufee adoo hin xiinxalin, hin qorqorin, hin madaliin Ameen jenne fudhachuudha. kun ammoo danddetti uumama keenya kan xiinxaluu, qorqoruu, madaaluuf fi kalaqa nu jala ijjessera. Fkn tokko ha fudhannu: Meeshalee dheedhi fi Dhumeeyyi wal ha madaallu.

‎Adeemsa Meesha Dheedhi

‎Omisha=> Geejjibamuu=> Dikkoo(Gabaa)

‎Adeemsa Meesha dhumeeyyi

‎Omisha=>Geejjibamuu=>Adeemsa(Processing)=>Dikoo(Gabaa)

‎Akkuma asiin olitti hubannetti garagarumman Adeemsa isaani walakka jiruu Adeemsa(processing) qofa haa ta'u ammoon garagarumman gatii walakka issani jiru lafaafi samii!

‎YAADA IJOO

‎Adeemsa keessa yaada, xiinxala, madaalli fi kalaqatti bacataa.

kun ammoon kan argamuu barnoota qofarra ado hin taane muuxanno jiruuf jireenna guyya guyya keesatti waan hundumaa hubannaf qalbefannan yo raawwanu ta'edha.

Dhaggefachuun, dubbisuun, Ilaalun, Barachuun gaaridha kun Marti garuu gaha motii! kan inni gahaa ta'u yo adeemsi(Processing) itti dabalameedha, yo Kun itti dabalamee akkuma gatiin meeshale deedhi fi dhumeeyyi walakka garagarumman guddan jiruu kan keetille gatiin isaa akkas olka'a.



‎ !



‎ !

Address

Hagere Mariam

Telephone

0934402750

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when HORTE Hub posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to HORTE Hub:

Share